Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 4:5 - Waadaa Haarawa

5 Teessoo irraa'llee qooniqqa bakakka'aatii fi hangaasu'uu'llee ni bayan turan, teessoo durana'llee ka bararan xomborraawwan torbaa ni jira turan, isaan'llee hafuurota torbban Waaqaati.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 4:5
24 Referans Kwoze  

Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.


Kanaan duubatti maleyikkichi girgiraa qabatee furidda irraa ibidda itti guutee gara arddi'ii ni darbbeen, qoonqqa hangaasu'uu, bakakka'aa fi sochiin arddi'ii'llee ni ta'e.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Wonittoonni arraba ibiddaa fakkaatan isaantti ni muldhatan, adda qoodamanii'llee tokkoo tokkoo isaanii irra ni taa'an.


Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.


Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti.


Qoonqqa leencca aaduu ka fakkaatu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, yeroo iyyetti'llee bakakkaawwan torbanuu qoonqqa isaanii ni dhageesisan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite