Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»
gara manaa'llee aseenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin uduu jiru ni arganiin, kufanii'llee ni sagadaniif, sanduuqota isaanii'llee bananii kennaa worqqi'ii, ixaanaatii fi qumbi'ii'llee ni dhiyeessaniif.
Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti.
baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu!