Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,
Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.
Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan.
Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.
«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»
Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.