Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 3:2 - Waadaa Haarawa

2 Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Kanaafuu dammaqii ka'i waan ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin argineef. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Kanaafuu dammaqii ka'i; ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin arginee. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 3:2
31 Referans Kwoze  

Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.


«Kunoo! Ani akka hattu'uu dimmaa ni dhufa! Qullaa isaa akka hin taanee fi qaama isaa ka saalaa namoonni akka jalaa hin argineef, dammaqee uffata isaa naminni eeggatu ka galateeffame!»


Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.


Achitti'llee yeroo muraasaaf ni ture, kanaan duubatti Galaatiyaa fi gara biyya Firigiyaatiin, bakka tokko gara bakka biraa dedeebi'aa amanttoota ni jajabeesse.


«Kanaaf, guyya'aa fi saa'aatii waan hin beekinneef, isin hisadha'aatii eegaa.»


garuu waan sitti ashu tokko ni qaba, kun'llee jaalala kee ka duraanii dhiifittee jirta,


Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan,


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu.


Yeroo sanitti shamarran marrinuu ka'aniiti, ibisaa isaanii ni qopheessan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite