Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 3:15 - Waadaa Haarawa

15 hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture!

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

15 Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Akka ati qabbanaayaa, yookaan oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookaan oo'aa uduu taatee misha'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 3:15
23 Referans Kwoze  

uduu hin dadhabin hafuura oo'e horddofu'uun Gooftaa tajaajilaa.


«Naminni tokko gooftota lamaaf tajaajilaa ta'uuf hin danda'u, yookiin tokko jibba, ka bira'aa'llee ni jaalata, yookiin tokko ni kabaja, kaan ni tuffata, akkuma kana naminni tokko yeroo tokkoon, Waaqaa fi qarshi'ii tajaajilaa ta'uuf hin danda'u.


Kun'llee ka ta'u yaada lama waan qabuu fi karaa isaa titti'llee waan asii fi achi jedhuuf.


garuu waan sitti ashu tokko ni qaba, kun'llee jaalala kee ka duraanii dhiifittee jirta,


Baay'innaa hameennaa irraa kan ka'een, jaalallitti namoota baayi'e'ee ni qabbanooftti.


Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa.


Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.


Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.


Ana irra abbaa isaa yookiin haadha isaa ka jaalatu, kiyya ta'uuf hin maluun, ana irra ilma isaa ka dhiiraa yookiin mucattii isaa ta intala ka jaalatu, kiyya ta'u'uun hin maluun.


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.


Gooftaa ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haa ta'u! Yaa Gooftaa koottu!


Qabbanaayaa yookiin oo'a uduu hin ta'in ka gunshuurtte waan taateef, afaan kiyyaa baasee si tufu'uuf,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite