Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 22:16 - Waadaa Haarawa

16 «Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 22:16
30 Referans Kwoze  

yeroo sanitti'llee jaarsotii keessaa tokko, «Hin booyin, kunoo gara gosa Yihuda'aatii ka ta'e, gaalee dhaloota Daawiitii irraa leenicci ka'e, injifatee moo'ee jira, inni kitaabcha kaldho'oo maramaa fi chaaphawwan torbban banu'uuf ni danda'a» naan jedhe.


Kun marrinuu nabiyyoonni ka dubbatan dhugaa ta'uu isaa caala'atti nuuf ni mirkaneessan, kanaaf ibisaa bakka dukkanaa titti argamuuf xiyyeeffannaa akkuma kennitaniif, waan nabiyyoonni dubbataniif'llee xiyyeeffannaa kennaa, kana'llee ka raawwattan haga laftti bariituttii fi urijjiin bariisa'aa onnee teessan keessatti haga mulidhatutti.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!


«Waayee Masihichaatiif maal jettan? Ilma eennutti'llee isinitti fakkaataa?», «Isaan'llee Ilma Daawiitii» jechu'uun, ni deebisaniif.


Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.»


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Akkana'llee jedha'aa ni gaafatan, «Nugufnni worra Yihudotaa ka dhalate eessatti? Urjjii baya adu'uutii argnee isaa sagadu'uuf dhufinnee jirra.»


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu, haa dhagayu.»


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!»


Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!


Isaan dhaloota isaaniitiin abbootii gosaa irraa ka dhufan, Kristos'llee fooniin ka dhufe fiixaa isaanii irraayyi, inni ka maraayyuu oliiti, bara baraaf'llee Waaqa eebbifame, Ameen.


ammaa achitti hamaan hammeenna isaatiin hammaachuu itti haa fufu, battiin'llee haa battaayu, qulqullaawomaan'llee ni qulqullaawoma, Qulqullaawaan'llee haa Qulqullaawomu.»


Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»


Waaqinni keenna dhiifamaa taasisa'aa fi gara laafessa waan ta'eef ifin fayyinnaa gara oliitii, akka nuuf ifu ni taasisa.


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› »


Eegasuu Daawiiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee yoo waameen, eegaa Masihichi attamitti, ilma ta'uuf dandda'aa ree?»


Fiixaa Daawiitiitii fi Abrahaamii ka ta'e hiddi dhaloota Yesus Kristosii kana,


Hafuurri woldayoota amanti'iitiif waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'u du'a lammaffa'aatiin, hin miidhamu.


Akkuma kana'llee Isaayaas, «Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa, durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a, isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha.


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Eega Daawiiti mataan isaatuu Gooftaa jedhee eega waameen, eegaa Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'u'uuf, danda'a ree?»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite