Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 22:10 - Waadaa Haarawa

10 Itti aansee'llee akkana naan ni jedhe, «Yeroon isaa ka dhiyaate waan ta'eef, dubbii raagaa ka kitaaba kanaa chaapha'aan hin cufiin,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Anaanillee, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Anaan, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 22:10
21 Referans Kwoze  

Kun marrinuu yeroon itti raawwatamu dhiyoo waan ta'eef, dubbii raagaa kana ka dubbisu ka eebbifame! Akkuma kana dubbii raagaa ka dhagayanii fi raagicha keessatti'llee waan barreeffame ka raawwatan, ka eebbifaman.


Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.


Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye.


Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa.


Halkan dabrra'aa jira, guyyaan'llee dhiyaatee jira, kanaaf hujii dukkanaan hojjatamu akka dhiisuuf, meeshaa woraanaa ka ifaa haa uffannuu.


«Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»


Harka mirgaa ka teessoo irra taa'eetiin, keessaa fi duubaan ka irratti barreeffame, chaapphaa torbaan ka cufame, kitaaba kaldho'oo maramaa ni arge,


Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu.


Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!


Eegaa hirribaa saa'aatiin itti dammaxxan amma gayuu isaa beekaa, duraan yeroo itti amanne irra amma guyyaan itti fayyinu caala'atti, gara keenna dhiyaatee jira.


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.


Kunoo, dubbii raagaa ka kitaaba kana keessatti barreeffamee ka dhagayu maraa ufi ni eeggachiisaan, eennu'llee dubbii kana irratti waan tokkoo yoo dabale, kitaaba kana keessatti ka barreeffaman balaawwan Waaqinni isatti ni dabala.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite