Mudhata Yohaannisii 21:8 - Waadaa Haarawa8 garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.» Gade chapit laWAADAA LAMMATAA8 Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati. Gade chapit laKitaaba Woyyuu8 Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.» Gade chapit la |
garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.
«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.
Farado'oo fi faradoo irra namoota taa'an muldhataan ka isaan arge akka itti aanee jirutti ture, uffanni sibiilaa ka laphee isaanii irra ni jira ture akka mukukula ibiddaa diimaa, akka gurraacha yaakiniitii sami'ii, akka dinni'ii boora ni fakkaata ture, mataa farado'oo'llee mataa leenccaa ni fakkaata ture, afaan isaaniitii'llee ibiddaa fi aarri dinniini'llee ni baya ture,