Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:7 - Waadaa Haarawa

7 injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Ka mooyate kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:7
26 Referans Kwoze  

Ani abbaa keessan ni ta'a, isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan, jedha, Waaqinni maraa danda'u.»


«Kunnoo, yeroo kanaan duubatti ummata Israa'eelii woliin, waadaan ani aseenu akka itti aanee jiru jedha Gooftaan, ani seera kiyya sammuu isaanii keessa ni kaaya, onnee isaanii titti'llee ni barreessa, Waaqa isaanii'llee ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an,


Akkana ka jedhu qooniqqi ol aanaan teesso'oo isaatii yoo bayu ni dhagaye, «Kunoo, bakki bulttii Waaqaa namootaan woliin, isaan woliin'llee ni jiraata, isaanii'llee ummata isaa ni ta'an. Waaqinni mataan isaatuu isaan woliin ni ta'a, Waaqa isaanii'llee ni ta'a.


Hafuurri woldayoota amanti'iitiif waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'u du'a lammaffa'aatiin, hin miidhamu.


Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa!


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»


Waayee kiyyaaf jedhee manniin yookiin obboleeyyan, yookiin obboleettiiwwan yookiin abbaa yookiin haadha, yookiin ijoollee yookiin bakka qonnaa ka dhiise marrinuu, dachaa dhibbaan ni fudhata, jireenna bara baraa'llee ni argatta.


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› »


Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf,


ta'u'llee haga ani dhufutti ka qabddan jabeessa'aatii qabadhaa.


Yesus achii bayee deema'aa uduma jiru, naminni tokko gara isaa fiigee isa duranatti jilibbiiffateeti, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen.


Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen.


Hafuura Waaqaatiin worri eemaraman marrinuu, ijoollee Waaqaati.


Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan.


Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite