Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:3 - Waadaa Haarawa

3 Akkana ka jedhu qooniqqi ol aanaan teesso'oo isaatii yoo bayu ni dhagaye, «Kunoo, bakki bulttii Waaqaa namootaan woliin, isaan woliin'llee ni jiraata, isaanii'llee ummata isaa ni ta'an. Waaqinni mataan isaatuu isaan woliin ni ta'a, Waaqa isaanii'llee ni ta'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Laagaan guddaan sami'ii kunoo daaseen Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla; isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:3
29 Referans Kwoze  

Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ka ana jaalatu dubbii kiyya ni eeggata, Abbaan kiyya'llee ni jaalataan, nu'llee gara isaa dhufinnee isa woliin, ni jiraanna.


«Kunnoo, yeroo kanaan duubatti ummata Israa'eelii woliin, waadaan ani aseenu akka itti aanee jiru jedha Gooftaan, ani seera kiyya sammuu isaanii keessa ni kaaya, onnee isaanii titti'llee ni barreessa, Waaqa isaanii'llee ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an,


Amma garuu ka caalu, biyya samii jiru ni yaadan, kanaaf Waaqinni magaalaa isaanii waan qopheesseef, «Waaqa keenna» jedhanii yoo waamaniin, isa hin saalfachiisuun.


Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.


Ani abbaa keessan ni ta'a, isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan, jedha, Waaqinni maraa danda'u.»


injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a,


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Kanaan duubatti qooniqqi ol aanaa tokko sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Kunoo fayyisummaan, huminni, mootummaan'llee ka Waaqa keennaa ta'ee jira! Aangoon ka Mashichaa ta'ee jira! Obboleeyyan teenna Waaqa keenna duranatti halkanii fi guyyaa ka isaan ni saaxila ture, himataan obboleeyyan teennaa gatamee jira,


Kanaan duubatti sami'ii qooniqqi dhagaye, «Garba ciisa'aa fi arddii irratti harka maleyikkicha dhaabatee irra ka jiru, kitaaba kaldho'oo maramaa deemiitii fudhadhu!» jechu'uun deebisee natti ni dubbate.


Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye.


Amma'llee mataan isaatuu Waaqinni keennaa fi Abbaan keenna, Gooftaan keenna Yesus'llee gara keessaan akka dhufinnuuf, karaa keenna nuuf haa qajeelchu.


Inni ka tajaajilu dukkaana dhuga'aa ka taate Mana Waaqeffanna'aa titti, dukkaanni tun'llee ka dhaabatte harka namaatiin uduu hin ta'in Goofta'aan.


Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite