Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 20:6 - Waadaa Haarawa

6 Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qabdu; gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 20:6
19 Referans Kwoze  

Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


Hafuurri woldayoota amanti'iitiif waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'u du'a lammaffa'aatiin, hin miidhamu.


Du'aa fi siooli'llee gara garba ibiddaa titti ni gataman, garbi Ibiddaa kun'llee, du'a lammaffa'aat,


Waaqa keennaaf'llee mootummaa qeesotaa, akka ta'aniif isaa taasfittee jirta, arddii irratti'llee ni mootoman.»


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Obissaan dhaabannee yoo argaminne, isaan woliin ni moona yoo waakkanneen inni'llee, ammoo nu ni waakkata.


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.


Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.


garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.»


Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan.


Nyaataaf ta'anii worra turan keessaa tokko waan Yesus dubbate dhagayee, «Mootummaa Waaqaa titti nyaataaf taa'uu ka danda'u, inni attami ka eebbifame!» ni jedhe.


Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite