Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 20:4 - Waadaa Haarawa

4 Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Kanaan maayessa teessoowwanillee hin arge; worra isa irra taa'anii baalliin kennameef, waan ragaa Yesuusiitiif, waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaa fi fakii isaatii hin saganne, worra malkata kallacha isaaniitii fi harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 20:4
40 Referans Kwoze  

Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa teessoo isaa ka ulfinnaa irra yeroo taa'u arddii haarawatti, horddofittoota kiyya worri taatan isin'llee, teessoowwan kudha lamaan irra ni teettan, gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee ni murtteessitan.


Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,


Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


Obissaan dhaabannee yoo argaminne, isaan woliin ni moona yoo waakkanneen inni'llee, ammoo nu ni waakkata.


Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.


Mootummaa kiyyatti'llee yaataaf teettanii ni nyaattan, ni dhugiddan, teessoo irra teettanii gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee, ni murtteesitan.»


ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman.


isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.


Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban.


Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


Yeroo muraasaan duubatti biyyi lafaa ana hin argu, isin garuu ana ni argitan, ani jiraataa waan ta'eef isin'llee lubbu'uun ni jiraattan,


bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Garuu guyyaa sadihii fi wolakkaan eega dabrreen duubatti hafuurri jireenna kennu Waaqaa keessaa bayee gara reeffotaa titti ni aseene, miila isaaniitiin'llee ni dhaabatan, namoonni isaan argan'llee haalaan ni sodaatan.


ragaan kiyya lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jahaatamaa raaga akka dubbataniif, huminna isaaniif ni kenna.»


Waaqinni isaan yeroo kuffisetti ummanni biyya lafaa ka bira'aa Waaqaan woliin yoo araarame, Waaqinni isaan yeroo adabutti, maalttu ka raawwatu isinitti fakkaata? kun ammoo haga waan du'aa ka'iinssati!


akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.»


Isaan'llee, «Barsiisonni seeraa'llee jalqaba dhufuu ka qabu Eliyaas maali'iif jedhan?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Kanaaf nugusichi bakkumatti lolttuu eegaa wordiyya'aa keessaa tokko mataa Yohaannisii muree akka fiduuf ni ergeen, Lolttichi'llee gara mana hidha'aa dhaqee mataa Yohaannisii ni mure,


Heerodis garuu kana maraa dhagayee, «Kun ka ani mormma isaa murssiise Yohaannis, kunoo! Inni du'aa ka'ee jira!» jedhe.


Yeroo sanitti baayi'eewwan amantii isaanii waakkachu'uun ni gufatan, tokko ka bira'aa dabarssee ni kenna, namoonni'llee ufii isaaniitii wol ni lolan.


Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.»


Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.


Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf,


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


«Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite