Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 20:12 - Waadaa Haarawa

12 Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Worra du'an didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee hin baname; innillee kitaaba jireennaati, worri du'anillee akkuma kitaabbilee irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 20:12
34 Referans Kwoze  

Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna.


Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


«Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa, tokkoo tokkoof'llee akka hujii isaatiin gatii kennu qabadhee jira,


Ijoollee isi'ii'llee du'aan ni adaba, woldayoonni amanti'ii marri'llee yaada namaatii fi hawwii isaa'llee ka qoradhu ana ta'uu kiyya ni beekan, tokkoo tokkoo keessaniif'llee akka hujii keessaniitiin, isiniif ni kenna.»


Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


garbi ciisaan'llee worra du'an ka isa keessatti argaman ni kenne, du'aa fi siooli'llee worra du'an ka isaan keessa turan ni kennan, tokko tokkoon namaa'llee akkaatama hujii isaatiin murtii ni fudhate.


wonitti balifisiisaa ta'e gonkumaa gara isi'ii titti hin galu, battummaa ka raawwatuu fi soba ka dubbatu, gonkumaa gara isi'ii hin galu, gara isi'ii titti ka galan, worra maqaawwan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolchaa irratti barreeffaman qofa.


Akkuma isaan'llee abddii isa taasisantti ani'llee Qulqullu'uu fi cubbamoonni du'aa akkuma ka'an, Waaqa abddii ni taasisaan.


Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne.


Kanaan duubatti, «Tajaajilttoonni isaa sodaattan marrinuu maandhotaa fi hangafoonni'llee, Waaqa keenna galateeffadhaa!» qooniqqi jedhu, teessoo irraa ni baye.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Garuu maqaan keessan galmmee sami'ii titti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni waan isiniif ajajamaniif, hin gammadinaa.»


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


Waaqinni tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ni kennaaf.


bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»


Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.


Kanaaf Guyyaa murti'ii titti, isin irra Xiiroosii fi Sidoonaa ni jiraatan worra turaniif, adabbiin isaanii ni salphata isiniin jedha.


Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite