Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 20:11 - Waadaa Haarawa

11 Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Kanaan maayessa teessoo gudda'aa fi ka teessoo san irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 20:11
27 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti samii haarawaa fi arddii haarawa ni arge, samiin jalaqabaatii fi arddiin jalaqabaa'llee dabrranii jiran ture, garbi ciisaan'llee ammaa achitti hin jiraatu.


Waaqa namoonni hin waaqeffanne sami'ii fi arddiin amma jiran haga yeroo itti badanii haga guyyaa murti'ii titti, ibiddaan eeggamanii ni turan.


«Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a,


Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta.


Sami'ii fi ardiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru.»


Eddoowwan marrinuu achi ni dheessan, gaaronni'llee hin argaminne,


Samiin'llee akka kitaaba kaldho'oo titti mamaramee ni dhabamsiifame, gaarotaa fi eddoolaan marri'llee bakka isaaniitii ni fudhataman.


Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,


garuu xara'aa fi maleyikkoonni isaa'llee ni injifataman, saniin duubatti'llee sami'itti bakki isaaniif hin argaminne.


bakkumatti yaada Hafuuraa keessa ni aseene, kunoo sami'itti teessoon ni arge, teessoo irra'llee qaaminni tokko taa'ee ni jira ture.


Kanaan duubatti samiin banamttee ni arge, kunoo fardda adii ni arge, ka fardda yaabbate'llee amanama'aa fi dhugaalessa ka jedhamu, inni'llee qajeelatti ni murtteessa, ni woraana'lle'e,


Kanaaf Guyyaa murti'ii titti, isin irra Xiiroosii fi Sidoonaa ni jiraatan worra turaniif, adabbiin isaanii ni salphata isiniin jedha.


Ka teessoo irra taa'ee jiru'llee, «Kunoo! Ani waan maraa haarawa ni taasisa!» ni jedhe, itti aansee'llee, «Dubbiin kun ka amanamee fi dhugaalessa waan ta'eef barreessi!» naan ni jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite