Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:3 - Waadaa Haarawa

3 Obissaan jajabaattee dhaabachuu keetii fi waayee maqaa kiyyaatiif'llee uduu hin hifatin rakkinna fudhachuu kee'llee ni beeka,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:3
49 Referans Kwoze  

Fedhii Waaqaa raawwattanii waan Waaqinni isinii kennu'uuf waadaa isiniif aseene argachu'uuf, obissaan eeggachuu isin ni barbaachisa.


Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu.


Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu.


Gooftaan jajabinna huminna isaa ol aana'aa maraan isiniif haa kennu, obissaan'llee waan maraa danda'uuf gammachu'uun ka qophoofttan ta'uuf isin haa gayu,


Ka ana erge waan hin beekinneef, sababa kiyyaan kana mara isin irratti ni raawwatan.


Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Abrahaam'llee obissaan eeggatee waan abddii taasfameef ni argate.


ka hawwinu'llee amanti'ii fi obissaan jabaatanii abddi'iin waan isaaniif kenname namoota dhaalan akka fakkaataniif malee, ganttoota akka taataniifii miti.


Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.


Nu'u namoota maraa keessummaanuu worra amanan maraa ka fayyisuun, Waaqa jiraata'aan abddii ka taasfannu waan ta'eef huji'iin ni dadhabinna, ni woldhaana.


Isin garuu yaa obboleeyyan! Dadhabnnee jettanii waan mishaa hojjachuu irraa ufi duuba hin deebi'inaa.


Kanaaf abddii hin kutannu, yoma qaaminni keenna ka duubaa bade'llee, qaaminni keenna ka keessaa guyyama guyya'aan ni haareffama.


Waaqinni dhiifama isaatiin tajaajila kana waan nuuf kenneef abddii hin kutannu.


Abddi'iin gammadaa, yeroo rakkinnaa titti obissaa, yeroo maraa kadhadhaa.


Waan hin argine abddii yoo taasfanne garuu, obissaan ni eeganna.


Fannoo mataa isaa baatee ka ana hin horddofinne, barataa kiyya ta'u'uuf hin danda'u.»


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


beekkomissa irratti mataa ufii toowachuu, mataa ufii toowachuu irratti'llee obissaan dhaabachuu, obissaan dhaabachuu irratti'llee, Waaqa waaqeffachuu,


Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.


Isaan tajaajilttoota Kristositi moo? Ani'llee isaan caalaa tajaajilaa Kristositi, kana'llee yoo jedhu akka maraattu'uu ta'eeti ka dubbadhu, isaan caalaa yeroo baayi'ee huji'iin dadhabee jira, yeroo baayi'ee hidhamee jira, yeroo baayi'ee dhaanamee jira, yeroo baayi'ee galttee du'aatiif gayee jira.


Foon keenna kana woliin yoo taane'llee yookiin isa irraa yoo fooyaminne'llee, kaayyoon keenna Gooftaa gammachiisu'u.


Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.


Kanaan duubatti Yesus uduu hin hifatin yeroo mara kadhachuu akka qaban barsiisu'uuf, fakkeenna kana isaanitti ni hime,


Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.»


Nu'llee qe'ee baanee gara isaa haa deeminnuu, qoodamtoota salphinna isaa'llee haa taanuu.


Woldaya amanti'ii haalaan worra bulchan, gonkumaa lallabu'uu fi barsiisu'uun jaarsotii dadhaban kabaja'atu isaaniif mala,


Buddeena eennuutuu gatii malee hin nyaanne, kana irra isin keessaa eennuun irratti'llee ba'aa akka isatti hin taane jechu'uun halkanii fi guyyaa, dadhabi'ii fi xaari'iin hojjachu'uun turree jirra.


Gooftaan onnee teessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obissa Kristosii titti isa haa eemaruun.


Yaa obboleeyyan! Attamitti akka hojjannee fi akka dadhabinne ni beekittan, wongeela Waaqaa yeroo isiniif lallabnnutti, tokkoo tokkoo keessan irrattuu ba'aa akka hin taaneef, halkanii fi guyyaa hojjachu'uun ni dadhabinna turre.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u.


Isin keessaa tokkoon tokkoon ba'aa ulffaataa nama bira'aa haa baadhatu, bifa kanaan Seera Kristosii ni raawwattan.


Kanaaf naannoo Waaqinni nu'uuf murteesse irra dabarree hujii kaanniiniitiin haga malee hin dhaadannu, kana irra amantiin keessan akka guddatuu fi hujiin keenna'llee naannoo Waaqinni nuuf murteesse keessatti caala'atti akka babaldhatuuf, abddii ni taasfnna.


Tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keenna ka ibisinu'llee dhaanamu'uun, hidhamu'uun, nagaya dhabu'uun, huji'iin dadhabu'uun, hirriba dhabu'uu fi beelayu'uun.


Tajaajila Goofta'aatiin worra dadhaban Truufaayinne'ee fi Truufosaaf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Tajaajila Goofta'aatiin haalaan ta dadhabiddee fi ta Kristosiin jaaladhuun, Pharsiisiif nagaya naa dhiyeessa.


Obissa keessaniin lubbuu keessan ni fayyifattan jedhe.


Uduma deema'aa jiran'llee nama biyya Qareena'aa ka ta'e abbaan Iskindroosiitii fi abbaan Ruufoosii Simooniin, baaddiyya'aa gara magaala'aa yoo galu ni argataniin, fannoo Yesusii'llee akka baadhatuuf ni dirqisiisaniin.


Yaa obboleeyyan! Isin jiddu'uutti huji'iin worra dhadhaban, maqaa Gooftaa Yesusiitiin itti gaafatamoota keessan fi gorrsitoota keessan ka ta'an, akka isaan kabajaniif, isin ni kadhadha.


Namoonni akkana jiranii kanniinii fi isaan woliin'llee huji'iin worra dahdaban maraaf, akka ajajamittaniif cimssee isin ni yaadachiisa.


Simoon'llee, «Yaa barsiisaa! Halkan guutuu dadhaba'aa bullee womaayyuu hin qabnne, ati eega jette garuu kunoo! Tabbaarrii ni darbanna» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite