Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:25 - Waadaa Haarawa

25 ta'u'llee haga ani dhufutti ka qabddan jabeessa'aatii qabadhaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

25 haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

25 haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:25
16 Referans Kwoze  

Kunoo dadafaan ni dhufa, gonfaan kee eennu'llee isii irraa akka hin fudhanneef, ka qabddu jabeessiitii qabadhu.


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu.


Dubbii abddi'ii titti'llee ka nuuf kenne amanamaa waan ta'eef, amma abddii waan amannee ragaa baanuu uduu asii fi achi hin jedhin, jabeessinee haa qabannuu.


Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!


Waan maraa qormaataa, qoradhaa, ka mishaa ta'e qabadhaa.


Fakkeessitummaa ka hin qabnne jaalala dhuga'aa qabaadhaa, waan hamaa jibbaa, waan mishaa horddofaa.


Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen.


Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus.


Kristos garuu Mana Waaqaa titti amanamaa ka ta'e akka ilmaa isaa ta'eeti, manni'llee nu'u, mana isaa ka taanu'llee waan itti amannuu fi ittiin ufi dhaadinu abddii keenna jabeessinee yoo qabanne.


Deemee bakka eega isinii qopheesseen duubatti bakka ani jiru akka jiraattaniif, lammaffaa deebi'ee isin ni fudhadha.


Guyyaan Goofta'aa garuu akka hattu'uu dimmaa ni dhufa, guyyaa sanitti samiiwwan qooniqqa ol aana'aan ni dabrran, umaan marrinuu ibiddaan gubatee ni bada. Arddi'ii wonittoonni isi'ii irra jiran marrinuu ni gubatan,


Hibsittii qulqullaawome kana yeroo nyaattanii fi duloo tana'llee yeroo dhugiddan marattuu, haga yeroo Gooftaan dhufuu titti, du'a isaa ni dubbattan.


Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.


Isaan keessaa'llee tokko Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa mara irratti beelli ol aanaan akka ta'u kakaasnssa Hafuura Qulqulluutiin raaga ni dubbate, kun'llee ka ta'e bara nugusa Rooma'aa Klaawudiiyosii titti ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite