Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:10 - Waadaa Haarawa

10 Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Rakkinna si irra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan; ati ammo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:10
36 Referans Kwoze  

Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame.


Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.


Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan.


Waayee maqaa kiyyaatiif nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, haga muumme'ee titti ka obissaan dhaabatu garuu, ni fayya.»


Waraanni keenna namootaan woliin uduu hin ta'in, bara dukkanaa kanatti worra hojjatan bulchitoota, worra aangoo qabanii fi huminnoota biyya lafaa kanaa jechuun, samii ka jiran hoomaa hafuurota battiiwwanii woliin.


rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,


Haga muumme'ee titti obissaan ka dhaabatu garuu ni fayya.


Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.


Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.


Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.


Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.


Yeroo sanitti adeemissa hamaa biyya lafaa kana ni horddofttan turttan, akkuma kana qilleensa irra ka jiran huminnoota hafuurota hama'aatii ka bitamuuf ni ajajamittan turttan, inni'llee namoota hin ajajaminne irratti ka hojjatu hafuura hama'a.


Yesusii fi barattoonni isaa'llee irbaata ni nyaatan ture, Ilmi Simoonii Yihudaan naminni biyya Keriyootii garuu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, seexanni onnee isaa keessa yaada hamaa ni buliche.


Lubbuu isaa ka jaalatu ni balleessaan, biyya lafaa kanatti lubbuu isaa ka jibbu garuu jireenna bara baraatiif ni eeggataan.


Garuu kun marrinuu ta'u'uun duratti namoonni isin ni qaban, isin ni ari'an, gara bakka woligayi'iitii fi gara mana hidhaa'llee dabarsanii isin ni kennan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee gara nugusotaatii fi gara bulchitootaa isin ni geessan.


lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni dhabaan, waayee kiyyaa fi waayee wongeelaatiif lubbuu isaa dabarssee ka kennu garuu, ni fayyisaan.


Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne.


Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.


Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»


Yihudaan'llee fuudhaa eega fudhateen duubatti, bakkumatti seexanni isaa keessa ni bule, Yesus'llee Yihuda'aan, «Raawwachu'uuf waan yaadde dafiitii raawwadhu!» jedheen.


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite