Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 19:7 - Waadaa Haarawa

7 «Ciin Hoolchaa waan gayee fi idaayyaan isaa'llee waan qophooftteef, koottaa haa gammadinuu! Gammachuu'llee haa raawwanuu! Isa haa kabajinuun'lle'e!

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef, isiinillee waan uf qopheessiteef haagammannuu, ililfata'aa, ulfinna isaa haa dhiyeessinuu!

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef isiinillee waan uf qopheessiteef haa gammannuu; ililfata'aa ulfinna isaa haa dhiyeessinuu!

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 19:7
29 Referans Kwoze  

Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.


Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,


Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa.


«Mootummaan Sami'ii nugusa ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse fakkaatti.


Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.


Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti.


Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira.


Kristos mataa woldaya amanti'ii akkuma ta'e, abbaan worraa'llee mataa haadha worraa isaati, deebi'ee'llee Kristos woldaya amanti'ii ta qaama isaa taateef fayyisaa isi'iiti.


Akkaataa kanaan'llee gooftaan isaanii mana cidhaatii deebi'uu isaa tajaajilttoonni eeggataniin fakkaadhaa, isaan'llee gooftaan isaanii dimmaa dhufee balbala yeroo dhadhayutti, dadafaanii banu'uuf qophaayota.


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin.


Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite