Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 19:10 - Waadaa Haarawa

10 Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Ani isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha; ragaan Yesuusii Ayyaana raagaa waan ta'eef Rabbii sagadi» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 19:10
40 Referans Kwoze  

Isin kitaabban Qulqullu'uun jireenna bara baraa ka argattan waan isinitti fakkaatuuf, isaan ni qorattan, isaan'llee waayeema kiyya ka ragaa bayan.


Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo?


jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan.


Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan.


isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,


Ka Ilma Waaqaa titti amanu ragummaan kun onnee isaa keessa ni jira, Waaqatti ka hin amanne garuu ragummaa Waaqinni waayee ilma isaatiif kenne amanuu dhabuu isaatiin, ka dharaa isaa taasisee jira.


Ka dubbatu san hin fudhannuun akkuma jedhaniintti ufi eeggadhaa, sunniin Waaqinni karaa namaatiin arddi'ii isaanitti yoo dubbatu hin dhageennu worri jedhan jalaa yoo hin bayin, eegaa nu'u sami'ii ka nutti dubbatu fudhachuu yoo dhabaanne attamitti jalaa baana!


Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.


Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»


Ka isatti amanu marrinuu maqaa isaatiin dhiifama cubbu'uu akka argatu, nabiyyoonni marrinuu ragaa ni bayaniif.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.


Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe.


Maleeyikichi'llee akkana jedhu'uun ni deebiseef, «Ani Waaqa durana ka dhaabadhu Gabri'eel, oduu gammachu'uu kana akka sitti himuuf, Waaqa biraa ergamee dhufee jira.


Achitti'llee itti gaafatamoota bakka woligayii isaanii keessaa tokko ka ture, Yaayiros namichi jedhamu Yesusiin yeroo argetti, miila isaa jalatti jigee,


Namoonni Yerusaalemiin jiraatanii fi itti gaafatamoonni isaanii'llee Yesus Fayyisaa ta'uu isaa hin beekinne, Sanbbattanitti'llee ka dubbifaman kitaabban nabiyyootaa hubachuu dhabuu isaaniitiin'llee, isa irratti yeroo murteessantti akka raaginni raawwatamaa ta'u taasisanii jiran.


Yaa ijoolle! waaqolee harkaan hojjataman waaqeffachuu irraa, mataa keessan eeggadhaa.


Naminni kamiiyyuu bakka hama'a'aatiif hamaa akka hin deebifnne ufi eeggadhaa, kana irra isin yeroo maraa ufii keessaniif ta'ee akkuma kanaan'llee namoota kaanniin maraafuu, waan mishaa raawwachu'uuf dammaqaa.


Eegaa attamitti akka jiraattan ufi eegganna'aan hubadhaa, akka worra ogeessotaa malee akka worra gowwootaa titti hin jiraatinaa.


Isin amanti'iin, haasayaan, beekkomisaan, hisataan, jaalala nu'uuf'llee qabddanii fi waan maraanuu ni caalttan, hujii arjoomaa kanaan'llee akka caalttan haa ta'u.


Mucattiin isi'ii hafuura batti'iin ta jalaa qabamtte dubarttiin takka, waayee Yesusii dhageettee bakkumatti dhufitteeti, miila isaa jalatti ni kuftte.


Garuu wonitti kun isin'llee ni laala, kanaaf abbaan worraa hadha worraa isaa akka mataa isaa taasisee haa jaalatu, haati worraa'llee abbaa worraa isi'ii haa kabajitu.


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite