Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 18:3 - Waadaa Haarawa

3 Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 18:3
17 Referans Kwoze  

nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»


Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Isii woliin worri sagaagalanii fi titti toliinssaan ka jiraatan nugusonni ardi'ii, isiin yoo gubattu aara bayu yoo argan waayee isi'iitiif iyya'aa ni booyan,


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


Akkuma kana maal laalu'uuf baatan? Nama uffata bareede uffate laalu'uuf moo? Uffata bareede worri uffatanii fi qanani'iin worri jiraatan ammoo, mana nugusotaa titti argaman,


Worra Abbootiin worraa isaanii irraa du'an dubarttoonni umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin, fedhiin isaanii ka foonii isaan injifatee jaalalli Kristosiif qaban yoo dhidhate abbaa worraa titti heerumu'uuf waan barbaadaniif, isaan galmmee haawotii hiyyeessaa irratti isaan hin barreessin.


haguma isiin ulfinnaa fi itti toliinssa mataa isi'iitiif kenniteen, makkaraarnnaa fi gadda kenna'aafii, isiin onnee isi'ii titti, ‹akka mootitti'ii titti taa'ee jira, haadha hiyyeessaatii miti'llee gaddi'llee gonkumaa narra hin gayu› jechu'uun, ni dhaadatti.


Mataa isaanii irratti daaraa ni firfirrissan, booya'aatii fi gadda'aa'llee akkana jedha'aa ni iyyan, «Garba ciisaa irratti doonniiwwan worri qaban marrinuu, qabeenna isi'iitiin dureeyyii worri ta'an, magaalaan ol aanttuun sun saa'aatii tokko keessatti waan badeef, isi'ii uunisha'a! Uunisha'a!»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite