Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 17:5 - Waadaa Haarawa

5 Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Kallacha isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 17:5
18 Referans Kwoze  

Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!


Maleyikkichi garuu akkana naan ni jedhe, «Waayee maali'iitiif dinqisiifatta? Dhossaa dubartti'iitii fi ka isiin irra teette, mataawwan torbaa gaaffan kudhanii ka qabu, dhossaa bineenssichaa siif ni ibisa,


Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»


Magaalaan ol aanttuun'llee bakka sadihitti ni qoodamtte, magaalonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee'llee ni didiigaman, Waaqinni'llee Baabiloonii ol aanittuu taate ni yaadate, duloo dheekkamissaa cima'aa daadhii woyinnii itti guuttame'llee, akka dhugiddu'llee isii ni taasiseen.


Dhofamaan huminni jeeqamaa amma'llee hujii irra ni jira, ta'u'llee amma ka dhoogamu ni jira, kun'llee ka ta'u ka dhoogamu sun haga dhabamisiifamuuf.


Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,


Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame.


Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i.


«Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,


nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite