Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 16:5 - Waadaa Haarawa

5 bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Maleekkaan bisaaniillee, «Gooftaa jirtuu fi ka turte, woyyuu'u! akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 16:5
18 Referans Kwoze  

akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna.


Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta.


Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye.


Garuu cubbuun keenna qulqullummaa Waaqaa ka muldhisu yoo ta'e, eegaa maal jenna ree? Waaqinni waayee cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murtteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu moo? Asi irratti ka dubbadhu akka yaada namaa titti.


Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»


Maleyikkaan sadaffaa duloo laggiinii fi burqqaalee bishaanii irratti ni jisse, isaan'llee diigaa ni ta'an,


Yaa Abbaa Qulqullaayomaa! Biyyi lafaa si hin beekinne, ani garuu si ni beeka, kunniin'llee akka ati ana ergite beekanii jiran.


Isaan'llee qoonqqa ol aana'aan, «Qulqullu'uu fi dhugaalessa, yaa Waaqa jiraataa, namoota arddii irra jiran irratti ka hin murtteesine fi waayee dhiiga keennaatiif'llee haloo ka hin baanne, haga yoomii titti!» jedha'aa ni iyye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite