Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.
dhukkubisata isaaniitii fi madaa isaanii irraa ka ka'een Waaqa sami'ii ni abaaran, hujii isaanii hamaa irraa'llee dhiifamaan gara Waaqaa titti hin deebine.
Ka bira'aa maleyikkichi sadaffa'aa'llee qoonqqa ol aana'aan akkana jedha'aa isaan ni horddofe, «Bineensichaa fi suuraa isaatiif ka sagadan, malikata isaa kallacha isaanii irratti yookiin harka isaanii titti ka godhatan marrinuu,