Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 16:10 - Waadaa Haarawa

10 Maleyikkaan shanaffaa duloo teessoo bineenssichaa irratti ni jisse, mootummaan bineensichaa'llee dukkana ni ta'e, namoonni makkaraarnna isaanii irraa ka ka'een arraba isaanii ni alanishan ture,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Maleekkaan shanaffa'aa mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Maleekkaan shaneesso'oo mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse; mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 16:10
22 Referans Kwoze  

Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan.


Dhaaltota Mootummaa kana ta'uun ka isaaniin malu turan garuu, gara dukkana ala jiruu titti ni gataman. Achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.»


Nugusichi'llee tajaajilttoota isaatiin, ‹harkaa fi miila isaa hidha'aatii baasa'aa gara dukkana alaa titti gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a› jedhe.»


Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,


Abraahaamiin, Yishaaqiin, Yaaqoobiin, nabiyyoota mara'llee Mootummaa Waaqaa titti isaan ni argitan, isin garuu alatti gatamttanii yoo hafittan, booyaa fi ilkaan qariinissi isin irra ni gaya.


Tajaajilaa san'llee gooftaan isaa ni adabaan, kutaa carraa isaa'llee worra fakkeessitootaa woliin ni taasisa, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»


«Ogummaa ka qabu sammuun ka barbaadamu asi irratti, mataawwan torbban dubarttiin ka isaan irra teettee jirttu gaarota torbban.


Hamaaleyyii garuu gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, acitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»


gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.


Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!


Nabiyyoonni lamaan kunniin namoota arddi'ii sarddamisiisanii waan turaniif, namoonni arddii irra jiraatan marrinuu du'a nabiyyootaatiin ni gammadan, gammachu'uun'llee aayyaana ni qopheessan, kennaa'llee wol ni jijjiiran.


Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame.


Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin,


Nama maraa kabajaa, obboleeyyan maraa jaaladhaa, Waaqa sodaadhaa, nugusa kabajaa.


Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite