Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 15:7 - Waadaa Haarawa

7 Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka dheekkamsa Rabbiitiin guuttame Maleekkota torbatti kenne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 15:7
13 Referans Kwoze  

Maleyikkaan jalqabaa dhaqeeti duloo arddii irratti ni jisse, malkanni bineenssichaa ka qabanii fi suuraa bineensichaatiif namoota sagadan irratti, bada'aa fi madaan makkaraarssu isaan irratti ni baye.


baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu!


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.


Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.


Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan.


Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.


jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan.


Daadhii woyiinni'ii ka dheekkamissa Waaqaa ni dhugan, daadhiin woyiinni'ii kun'llee uduu hin makamin duloo dheekkamissa isaa titti ka buufame, akkuma kana maleyikkoota Qulqullaawota duranattii fi Hoolicha duranatti, ibiddaa fi dinni'iin ni makkaraaran.


Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite