Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:6 - Waadaa Haarawa

6 Kanaan duubatti ummatoota arddii irra jiraataniif, gosa, afaanota adda addaa worra dubbatanii fi worra gara garaa maratti dubbachu'uuf wongeela bara baraa ka qabate maleyikkaan bira'aa, samii jidduu yoo bararu ni arge.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Maleekkaan Dubbii Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:6
30 Referans Kwoze  

Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Gara biyya lafaa mara deemaa, nama mara wongeela barsiisaa.


Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Dubbii gammachu'uu ka ani lallabuun ergaan waayee Yesus Kristositiif dabarffamuu fi bara duriitii jalaqabee dhokatee ka ture, amma garuu ka muldhate karaa dhossaa dhuga'aatiin, inni amantii keessaniin akka dhaabattan isin taasisu'uuf ni danda'a.


Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,


Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.


Tissichi Hoolotaa ol aanaan Gooftaa keenna Yesusiin, dubbii waadaa bara baraa ka dhiigaatiin du'aa ka isa kaase Waaqinni nagayaa,


Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf.


Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa.


Kanaan duubatti, «Waayee gosoota baayi'e'eetiif, ummatootaa fi waayee namoota afaan adda addaa dubbataniitii fi waayee nugusotaa'llee, irra deebitee raaga dubbachuu ni qabdda!» jedhamee, natti ni himame.


dubbiin Goofta'aa garuu, bara baraaf jabaatee ni jiraata.» ka isiniif lallabame dubbiin gammachu'uu kana.


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Garuu maleyikkichi torbaffaa guyyaa xurunbbaa itti dhageesisanitti, akkaataa nabiyyoota isaa tajaajilttoota isaanitti beekisiseetiin, Waaqinni dhossaa isaa ni raawwatama.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite