Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Uduu hin saalifatin nama duranatti ka ragaa naa bayuuf, ani'llee ammoo maleyikkoota Waaqaa duranatti, ragaa ni bayaaf isiniin jedha.