Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 13:13 - Waadaa Haarawa

13 Bineenssi lammaffaa kun garuu namoota duranatti, ibidda sami'ii haga buusu'uu titti, baasota ol aanota ni taasisa ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Ibidda afoo namaatitti samii irraa buusu'uun malkata gugurdaa godha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Samii irraa ibidda afoo namaatitti buusu'uun malkata gugurdaa godha.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 13:13
20 Referans Kwoze  

Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»


garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.


Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman.


isaan'llee gara arddi'ii mara bittinnaayanii ganda Qulqullootaatii fi magaalaa jalatamttuu ni marssan, garuu ibiddi sami'ii bu'ee gubu'uun isaan ni balleesse.


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.


eennu'llee isaan miidhu'uuf yoo barbaade ibiddi afaan isaaniitii bayee diinnota isaanii ni guba, isaan miidhu'uuf ka barbaadu marrinuu ka du'u bifa kanaan.


Yaaneesii fi Yaambres akkuma Muse'een mormmanitti namoonni kunniin sammuun isaanii worra badee fi waayee amanti'iitiin'llee worra kufaatiin isaan irra gaye waan ta'aniif, dhugaa ni mormman.


Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite