Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 13:10 - Waadaa Haarawa

10 Booji'amu'uuf ka ramadame ni booji'ama, billayaan ajjeefamu'uuf ka ramadame billayaan ni ajjeefama eegaa obissi worra Qulqullootaatii fi amantiin isaanii ka barbaachisu yeroo kanatti.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantiin woyyootaa kanaan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 13:10
29 Referans Kwoze  

«Ajaja Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiin'llee amanu'uun qulqullaawota jabaatan dhaabatan irraa, obissi eeggamu asi irratti.»


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Obissa keessaniin lubbuu keessan ni fayyifattan jedhe.


ka hawwinu'llee amanti'ii fi obissaan jabaatanii abddi'iin waan isaaniif kenname namoota dhaalan akka fakkaataniif malee, ganttoota akka taataniifii miti.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


Yesus garuu akkana jedhe, «Billaya worri luqqifatan billayaan ni badaniitii billaya kee, gara qola isaa titti deebisii galchi.


Namoonni dhiiga Qulqullootaatii fi nabiyyootaa waan jissaniif dhiiga isaan ni obaaftte, kun'llee ka isaaniin malu!»


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu.


«Hujii kee, jaalala kee, amantii keetii fi tajaajila kee, obissaan dhaabachuu kee'llee ni beeka, hujiin kee ka maa'ii ka duranaa akka caalu'llee ni beeka.


Gooftaan jajabinna huminna isaa ol aana'aa maraan isiniif haa kennu, obissaan'llee waan maraa danda'uuf gammachu'uun ka qophoofttan ta'uuf isin haa gayu,


murtima kaaniin irratti murteessitaniin isin irratti'llee ni murtteeffama, akkuma kana safarttuma ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama.


Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»


bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»


Nugufnni saddeetaffaa ka duraan turee fi bineenssa amma hin jirre, inni'llee torbban keessaa tokko, gara badi'ii'llee ni deema.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite