Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 12:7 - Waadaa Haarawa

7 Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole, garuu isaan hin dandenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole; garuu isaan hin dandeenne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 12:7
23 Referans Kwoze  

Itti gaafatamaan maleyikkootaa Mikaa'el'llee waayee reeffa Muse'eetiif sheexanaan woliin yeroo mormmetti, «Gooftaan sitti haa baanatu!» jedheen malee, jecha arrabaa itti hin dubbanne.


Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.


Waraanni keenna namootaan woliin uduu hin ta'in, bara dukkanaa kanatti worra hojjatan bulchitoota, worra aangoo qabanii fi huminnoota biyya lafaa kanaa jechuun, samii ka jiran hoomaa hafuurota battiiwwanii woliin.


Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Amma rakkinna worra rakkinna itti fudhattaniif'llee nu'uun woliin boqannaa isiniif ni kenna. Kun'llee ka ta'u Gooftaan Yesus maleyikkoota isaa ol aanttotaan woliin, sami'ii yeroo itti bu'utti,


Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa.


Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.


Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


Yeroo sanitti Ilmi Namaa maleyikkoota isaa ni erga, isaan'llee sababa cubbu'uu worra ta'anii fi hamaa raawwattoota mara, Mootummaa isaa keessaa wolitti qabanii ni baasan,


Haa ta'u malee ani Abbaa kiyya uduu kadhadhee, inni hoomaa maleyikkoota kuma baayi'eetti laakkayaman, ka naaf hin ergine sitti fakkaataa?


«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!


Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


Wonitti marrinuu isaa fi isaan ka uumame Waaqaan ijoollee baayi'ee gara ulfinnaa titti isaan fidu'uuf, durssaa fayyinna isaanii Yesusiin rakkinnaan muda maleessa akka ta'u, akka isa taasisuuf ni maleen.»


garuu xara'aa fi maleyikkoonni isaa'llee ni injifataman, saniin duubatti'llee sami'itti bakki isaaniif hin argaminne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite