Mudhata Yohaannisii 12:4 - Waadaa Haarawa4 Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate, Gade chapit laWAADAA LAMMATAA4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadi keessaa harka tokko gara lafaa gad-jisse. Jawweenillee hennaa dubbartittiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf dubartittii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate. Gade chapit laKitaaba Woyyuu4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadihi keessaa harka tokko gara lafaa gad jisse. Jawweenillee hennaa intalattiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf intalattii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate. Gade chapit la |
«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.
Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.
Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.