Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 12:11 - Waadaa Haarawa

11 isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa uf irraa bayan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 12:11
33 Referans Kwoze  

Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Yesus Ilma Waaqaa ta'uu isaa nama amanu malee, biyya lafaa ka injifatu eennu?


Garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin injifannoo ka nuuf kennu, Waaqaaf galanni haa ta'u!


Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf,


Kana yoo raawwattan Waaqinni nagayaa dadafee sheexana miila keessan jalatti, isiniif ni cacabssa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.


Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»


Yaa ijoolle! isin ka Waaqaati, Hafuurri isin keessa jiru biyya lafaa keessa hafuura jiru ni caala. Kanaaf nabiyyoota dharaa injifattanii jirttan.


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.


Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› »


Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


«Gara kiyya ka dhufu marrinuu abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha worraa isaatii fi ijoollee isaa, obboleeyyan isaatii fi obboleettiiwwan isaa, lubbuma mataa isaatuu ana caalsisee ka jaalatu yoo ta'e, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.


Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.


Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.


Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.


Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite