Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:9 - Waadaa Haarawa

9 Worra adda addaatiif gosoota, afaan adda addaa dubbattootaatii fi ummattoonni, guyyaa sadihii fi wolakka'aaf reeffa isaanii ni laalan, reeffi isaanii akka hin awwaalaminneef'llee ni dhoogan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Worra gosa afaan adda addaatii fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihii fi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:9
14 Referans Kwoze  

Maleyikkichi'llee akkana naan jedhe, «Bishaanonni sagaagalittuun irra teettee argite, ummatootaa fi namoota, gosootaa, worra afaanota adda addaa dubbatan,


Garuu guyyaa sadihii fi wolakkaan eega dabrreen duubatti hafuurri jireenna kennu Waaqaa keessaa bayee gara reeffotaa titti ni aseene, miila isaaniitiin'llee ni dhaabatan, namoonni isaan argan'llee haalaan ni sodaatan.


Kanaan duubatti, «Waayee gosoota baayi'e'eetiif, ummatootaa fi waayee namoota afaan adda addaa dubbataniitii fi waayee nugusotaa'llee, irra deebitee raaga dubbachuu ni qabdda!» jedhamee, natti ni himame.


Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


murtima kaaniin irratti murteessitaniin isin irratti'llee ni murtteeffama, akkuma kana safarttuma ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama.


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite