Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:2 - Waadaa Haarawa

2 Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaa fi qachaa woyyittii irra ejjatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:2
32 Referans Kwoze  

dubarttiin'llee gara lafa gammoojji'ii titti dheessitee ni deemitte, achitti'llee guyyoota kuma tokkoof dhibba lamaaf jahaatamaa kunuunssa'aan qabamttee, bakki itti eeggamttu Waaqinni qopheesseefii jira ture.


Isaan keessaa'llee baayi'eewwan billayaan ni ajjeefaman, kuunniin'llee booji'amanii gara biyya adda addaa ni fudhataman. Barri ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amannee haga raawwatamutti, Yerusaalem ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amaneetiin ta dhiitamtte ni taati.»


ragaan kiyya lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jahaatamaa raaga akka dubbataniif, huminna isaaniif ni kenna.»


Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,


Eennu'llee dubbii kitaaba raagaa kana keessatti barreeffaman keessaa waan tokko yoo dhidhise, kitaaba kana keessatti ka himaman firii muka jireennaatii fi magaalaa Qulqullitti'ii, Waaqinni gayaa isaa irraa in dhidhisa.


Awwaala keessaa'llee bayaniiti eega Yesus du'aa ka'een duubatti, gara magaalaa Qulqullitti'ii gara Yerusaalemii ni aseenan, achitti'llee namoota baayi'e'etti ni muldhatan.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin akka sooqidda arddi'iit, garuu sooqiddi mi'aa isaa yoo dhabe, mi'aa isaa deebisee argachu'uuf ni danda'aa ree?» Gara alaa titti gatamu'uu fi miila namaatiin dhidhiitamu'uun alatti, ufi durana womaafuu hin fayyadu.


Kanaan duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Magaalaa Qulqullittii, gara Yerusaalemii fidee, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra ni dhabachiiseen,


Garuu guyyaa sadihii fi wolakkaan eega dabrreen duubatti hafuurri jireenna kennu Waaqaa keessaa bayee gara reeffotaa titti ni aseene, miila isaaniitiin'llee ni dhaabatan, namoonni isaan argan'llee haalaan ni sodaatan.


Eegaa ka Ilma Waaqaa tuffate, ka ittiin qulqullaawome dhiiga waada'aa ka batteesse, Hafuura kennaa isaa ka bilisaa ka arrabise, adabbiin attami jiru ka jabaatetu, isaaf mala isinitti fakkaata!


Hafuuraan'llee gara gaara gudda'aa fi dheeraa tokkoo ana fideeniiti, magaalaan Qulqullittiin Yerusaalem Waaqa biraa sami'ii yoo buutu natti ni muldhise,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite