Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:7 - Waadaa Haarawa

7 Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Inni duumessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:7
36 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin,


Akkuma kana kutaa Kitaaba ka kitaaba Qulqullu'uu titti, «Worri san woraanan ni arganiin» jedha.


Yesus'llee, «Ee ana, Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitan! Akkuma kana duumessa sami'iitiin deebi'ee yoo dhufu ni argitan» jedhe.


kanaan duubatti'llee Ilmi Namaa huminna ol aana'aa fi ulfinnaan, duumessa irraan yoo dhufu, namoonni ni arganiin.


Kanaan duubatti nu'u worri lubbu'uun argaminnu Gooftaa qilleenssa gubba'atti simachu'uuf, isaaniin woliin duumessaan ol ni butaminna, bara baraaf'llee Gooftaa woliin ni jiraanna.


Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan.


Achiin duubatti'llee Ilmi Namaa huminna isaa ol aana'aa fi ulfinnaan duumessan yoo dhufu ni mulidhata,


Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa,


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Akkuma ati jette, garuu ammaa achitti Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitaniin, akkuma kana duumessa sami'ii keessan yoo dhufu, ni argitaniin isiniin jedha!»


Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!


Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna.


Eegaa ka Ilma Waaqaa tuffate, ka ittiin qulqullaawome dhiiga waada'aa ka batteesse, Hafuura kennaa isaa ka bilisaa ka arrabise, adabbiin attami jiru ka jabaatetu, isaaf mala isinitti fakkaata!


Garuu lolttoota keessaa tokko cinaacha isaa ebo'oon ni woraaneen, bakkumatti cinaacha isaatii dhiigaa fi bishaan ni baye.


fuula isaa'llee ni argan, maqaan isaa'llee kallacha isaanii maratti irra ni ta'a,


kana maraan duubatti amantii isaanii yoo waakkatan, isaan mataa isaaniitii Ilma Waaqaa irra deebi'anii waan isa fannisanii fi ifatti isa waan salphisaniif, isaan gara dhiifamaa titti deebi'uuf hin danda'an.


Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.»


«Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite