Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4-5 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa,

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:4
41 Referans Kwoze  

Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu.


Jalqaba dubbiin ni ture, dubbiin'llee Waaqa bira ni ture, dubbiin kun'llee Waaqa ni ture.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


Teessoo irraa'llee qooniqqa bakakka'aatii fi hangaasu'uu'llee ni bayan turan, teessoo durana'llee ka bararan xomborraawwan torbaa ni jira turan, isaan'llee hafuurota torbban Waaqaati.


Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha.


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi.


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi, Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame,


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Abbaa keenna Waaqa irraa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,


Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.


Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Phaawulos kana ka taasise haga woggaa lamaatiif, yeroo sanitti'llee Yihudonni Asiyaa jiraatanii fi Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee marrinuu, dubbii Gooftaa dhagayuuf ni danda'an.


Nu Phaartee, Meedii, Elaam, Mosophotaamiyatti, Yihudaatti, Qephidooqiyaa, Phanxoos fi Asiaatti,


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana,


Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif.


bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i,


Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe.


«Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite