Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:16 - Waadaa Haarawa

16 Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Harka isaa ka mirgaa irraa urjiiwwan torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya; fuulli isaa akka aduu guddiftee iftuuti.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:16
26 Referans Kwoze  

Dubbiin Waaqaa jiraata'aa fi ka hojjatu, billaya afaan lama qabu irra qarama'a, lubbu'uu fi hafuura, ribu'uu fi mogolee haga addaan baasutti ka mummuru, onnee keessatti ka dhokate yaadaa fi hawwa'llee qoratee ka muritteessu.


kanaaf dhiifamaan gara Waaqaa deebi'i, yoo kana ta'uu dhabaate daddafaan gara kee dhufee akka bilaya ka jiru, dubbii afaan kiyyaa bayuun isaan ni woraanna.


Ummattoota ka ittiin dhayu biloofnni qara qabeessi afaan isaatii ni baya, ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, inni'llee maraa ka danda'u ibisa dheekkamissa Waaqa sodaachisa'aa ka ta'e, bakka cuunffaa woyinni'ii irra ni ijjata,


Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,


Fayyiinna akka qoobii sibiilaa mataa keessan irratti gonbsaa, akkuma kana Hafuura Qulqulluu irraa ka argamu billaya, kana'llee dubbii Waaqaa qabadhaa.


Worri hafan ammoo afaan ka fardda adii yaabbateetii billaya bayeetii ni ajjeefamaman, sinbirroonni marri'llee foon isaanii nyaachu'uun, ni quufan.


Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Yaa nugusa! Karaa irra uduu jiru, guyyaa wolakkaa yoo ta'u, ifa aduu caalaa ni arge, ifin kun'llee anaa fi naannoo namoota anaan woliin deemanii titti, samii ni ife.


Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte.


Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan,


Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi, «Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite