Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:1 - Waadaa Haarawa

1 Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kennee fi ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:1
30 Referans Kwoze  

«Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»


Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.»


Wongeela kana Yesus Kristosttu naaf ibise malee nama kamiin irraayyuu hin fudhanneen, yookiin naminni kum'llee ana hin barsiifnne.


Durissee gabaabnnatti akkuma isinii barreessetti, Waaqinni dhossaa isaa ibisee, muldhataan natti muldhisee jira.


Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Inni'llee waan ka fi ka argee fi ka dhagaye ragaa ni baya, garuu ragummaa isaa ka fudhatu hin jiru.


Tajaajilaan waan gooftaan isaa raawwatu waan hin beekinneef, ammaa achitti tajaajilttoota isiniin hin jedhu, garuu waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinii waan ibiseef, waaheloota kiyya isiniin jedhee jira,


Kanaan duubatti ni laale, kuunoo sami'itti balbala banametu jira ture, Jalqaba dhagayee ka ture qooniqqi akka qoonqqa xurunbbaa laali'ii jiru akkana ni jedhe, «Koottuu garana bayi, ufidurana ta'uuf wonittoota qaban sitti ni mulidhisa»


Ani aangoo mataa kiyyaatiin hin dubbanne, ani ka jedhuu fi ajaja dubbadhu ka naaf kenne, Waaqa Abbaa ana erge.


waayee keessan ka dubbadhuu fi ka murtteessu'llee waan baayi'ee ni qaba, haa ta'u malee ka ana erge dhugaalessa, ani'llee biyya lafaa titti ka dubbadhu, isa irraa waan dhagaye.»


Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,


Dubbii gammachu'uu ka ani lallabuun ergaan waayee Yesus Kristositiif dabarffamuu fi bara duriitii jalaqabee dhokatee ka ture, amma garuu ka muldhate karaa dhossaa dhuga'aatiin, inni amantii keessaniin akka dhaabattan isin taasisu'uuf ni danda'a.


Dubbii naaf kennite isaaniif kennee jira, isaan'llee fudhataniinii jiran, si biraa bayee dhufuu kiyya'llee dhugamaanuu beekanii jiran, akka ati ana ergite'llee amananii jiran.»


Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,


Hoolchi'llee dhufeeti ka harka mirgaa ka teessoo irra taa'e irraa, kitaaba maramaa kaldho'oo ni fudhate,


Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,


Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.


Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.


Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.


Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,


Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe.


Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite