Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:6 - Waadaa Haarawa

6 Akkuma kana aangoo isaanii eegachuu dhabuu isaaniitiin malayikkoota bakka isaanii gad dhiisan yaadadhaa, isaan Waaqinni haga Guyyaa ol aanaa murti'ii titti hidhaana bara baraatiin, dukkana jimii keessatti isaan eegee turssiisee jira.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gad dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookaan haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:6
12 Referans Kwoze  

Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.


Waraanni keenna namootaan woliin uduu hin ta'in, bara dukkanaa kanatti worra hojjatan bulchitoota, worra aangoo qabanii fi huminnoota biyya lafaa kanaa jechuun, samii ka jiran hoomaa hafuurota battiiwwanii woliin.


«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!


Isaan'llee, «Ati yaa Ilma Waaqaa, ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Uduu yeroon hin gayin nu makkaraarsu'uuf dhufitte moo?» jedha'aa, ni iyyan.


Eegaa kun marrinuu akkana yoo ta'e Gooftaa isa waaqeffachu'uun namoota jiraatan qormaata irraa akka isaan fayyisu, cubbamoota'llee attamitti akka isaan adabuu fi guyyaa murtti'iitiif'llee attamitti eegee akka isaan turssiisu, ni beeka jechu'u.


Amma ka nu hafu garuu ufi durana ka ta'u murtii sodaachisa'aa fi ibidda sodaachisaa mormmitoonni qabsiisan.


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


Dhugamaan isiniin jedha, Guyyaa Murti'ii Waaqaa titti magaalaa san irra namoota Sadoomii fi Gamora'aatiif, adabbiin isaaniif ni diqqaataaf.»


Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta.


Hoomacha gocha isaanii saalifachiisa'aa ka dafiqqan, isaan akka danbalii garba ciisa'aa dallaneeti, dukkantti jimiin bara baraaf akka isaan eeggatuu fi akka urjjiiwwan raanttayaniiti.


Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite