Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:3 - Waadaa Haarawa

3 Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:3
44 Referans Kwoze  

Lola mishaa amanti'ii loli, ati gara isaa yeroo waamamittetti ragoota baayi'ee duranatti ragummaa sirri'ii ta'e ka kenniteef, jireenna bara baraa qabadhu.


Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.


Isin garuu yaa waaheloota, maraa olitti amantii keessan ka Qulqulluu ta'eef mataa keessan ijaaru'uuf hisadhaa, Hafuura Qulqullu'uun'llee himnna isiniif ni kadhadhaa.


isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,


Amantii wolitti qabnnuun dhugamaan ilma kiyya ka taate Tiitosiif, Waaqa Abba'aa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni siif haa ta'u.


Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.


Dubbii amanisiisaa ana irraa baratte akka fakkeennaa taasfttee, Yesus Kristosiin amantii fi jaalala qabnnu eegi.


Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli,


Nu'u garuu dhugaan wongeelaa isin biratti jabaattee akka jiraattuuf jechu'uun, yeroma muraasaafuu harka hin kennanne.


Obboleeyyan! Ergaan isiniif barreesse kun gabaabaa waan ta'eef dubbii gorssa kiyyaa kana obissaan akka fudhattaniif, cimssee isin ni kadhadha.


Saa'ol garuu caalatti jabaata'aa ni deeme, Yesus Masihii ta'uu hubachiisu'uun Yihudota Damaasqoo ni jiraatan turan, deebii ni dhabisiisa ture.


Akkuma isin beekittantti asiin durana Filiphisiiyuus yeroo turretti, rakkinnaa fi arrabnni nurra gayee jira. Garuu mormmiin ol aanaan yoma nurra gaye'llee wongeelichaa isin akka barsiifnnuuf, Waaqinni keenna uggiinsa nuuf kennee jira.


Ani ka fudhadhee sadarkkaa jalqabaa waan jiru isiniif dabarssee jira, wonitti isiniif dabarsse'llee kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, Kristos waayee cubbuu keennaatiif ni du'e,


Kanaaf, fayyinni isa malee ka bira'aa eennuun'llee hin jiru, nu'u ittiin fayyuu ka nuun malu Waaqinni namootaaf maqaan kenne, isa malee biyya lafaa eennu'llee hin jiru» jedhe.


Yesus Masihicha ta'uu isaa dubbii kitaaba Qulqullu'uutiin isaan hubachiisa'aa, mormmii cima'aan Yihudota ni injifata ture.


Masihichi rakkinna fudhachu'uu fi du'aa ka'uun akka isaan malu ibisee hubachiisa'aa, «Kun ka ani isiif lallabu Yesusii Masihicha» ni jedha ture.


Isin garuu yaa waahelloota! Ergamittoonni Gooftaa keenna Yesus Kristosii asiin durana dubbii dubbatan yaadadhaa.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Obboleessa amanama'a jedhee ka yaadu karaa Siilaasiitiin, ergaa kana gabaaba'atti isiniif barreessee jira, isinii ka barreesseef'llee isin gorissu'uu fi kun kennaa Waaqaa ka bilisaa dhugaalessaa ta'uu isaa isinii ibisu'uuf jedheeti, kanaaf kennaa Waaqaa ka bilisaa kanaan jabaadha'aatii dhaabadhaa.


Qolaasiyaas ka jiraatan, Kristosiin Qulqullu'uu fi amanamttoota amanttoota ta'aniif, Waaqa keenna Abbaa biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif,


Qubeewwan ol aanttota attam jiraniin kana harka kiyyaan akka isiniif barreesse laala!


Eegaa ergaan fayyisummaan Waaqaa ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef akka ergame beekaa, isaan'llee tole jedhanii isa ufitti ni fudhataniin.


Yaada Waaqaa mara isinitti ni hime malee, womaa wonitti hanbise woyiituu hin jiru.


Marri keessanuu Yesus Kristosiin tokko waan taataniif, Yihudichaa fi Giriikicha, tajaajila'aa fi Gooftaa, dhiiraa fi dubarttii jidduu, garaa garummaan woyiituu hin jiru.


Haala kanaan dubbiin Waaqaa babaldhata'aa waan deemeef, laakkofssi amanttoota Yerusaalemii'llee haalaan baayi'ata'aa ni deeme, qeesota keessa'llee haalaan baayi'een ni amanan.


Ananiiyaas garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Naminni kun amanttoota kee ka Yerusaalemiin jiraatan irratti waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaa, baayi'eewwan irraa dhagayee jira.


Yaa jaalatamttoota! Kana yoma dubbanne'llee isin fayyinna keessan ka fidu haala fooyyaye irra jiraachuu keessan, nu'u sirri'i.


Karaa qulqullaawomaa eega beekaniin duubatti ajaja isaaniif kenname qulqulluu irraa ufi duuba ka deebi'an irra, karaa qulqullumma'aa beekuu dhabanii uduu jiraataniitii, isaaniif woyya ture.


Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite