22 Namoota shakkaniif gara laafnna isaanii taasisaa,
22 Worra morman garii gorsaa'a.
Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa.
Ka duraanii irraa haala adda ka ta'e akka muldhifttantti amma isin woliin ta'uu ni barbaadaayyu ture, garuu womaayyuu raawwachuu akka hin barbaachifnne beekuu dhabuu kiyyaan, dubbiin bitaa natti ta'ee sarddamee jira.
Gooftaan keenna Yesus Kristos dhiifama isaatiin gara jireenna bara baraatiin akka isin gayuuf eeggachu'uun, mataa keessan jaalala Waaqaa keessatti eeggadha'aanii.
Tokko tokkoo'llee ibiddaa keessaa baasa'aatii isaan fayyisaa, kaanniinf soda'aan garaa laafa'aafii, ta'u'llee cubbu'uun ka battaaye qaama isaanii uffatuma tuqe'llee, uduu hin hafin jibbaa.
Akkuma kana isa ka jaalattan ta'uu keessan deebitanii akka mirkaneestaniif, isin ni kadhadha.