Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 4:1 - Waadaa Haarawa

1 Isin jidduu woraanni jiruu fi wol dhabbinni, eessaa ka dhufe? Qaama keessan keessatti ka isin woraanu fedhii keessan ka foonii irraa ka dhufee mitii ree?

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufani? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufan? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii?

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 4:1
24 Referans Kwoze  

Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha.


Fedhiin foonii fedhii Hafuurayaa woliin wol fugisa, Hafuuraa fi fooni ufii isaaniitii wolitti masaanuu ni ta'a, kanaaf isin waan barbaaddan raawwachu'uuf hin danddeettan,


Haa ta'u malee seera sammuu kiyyaatiin wolitti bu'a'aa kutaawwan qaama kiyyaa keessatti ka hojjatu seera cubbu'uutiif hidhamaa ka ana taasisu, ka bira'aa laalchi fedhii uumamaa kutaawwan qaama kiyya ka uumamaa keessa akka jiran ni arga.


Waan foonii naminni yaadu Seera Waaqaatiif waan hin ajajaminnee fi ajajamu'uuf'llee waan hin dandeenneef, inni diina Waaqaati.


Garuu tokkoon tokkoon namaa ka qormmaatamu fedhii mataa ufiitiin yoo harkifamuu fi yoo sobame.


Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa,


Kanaaf isin keessatti ka argaman jireenna hawwiiwwan arddiilessaa maraa ajjeesaa, isaan'llee, «Sagaagala, battummaa, kajeellaa sagaagalaa, hawwii hamaa, Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu kajeellaa ta'e.»


Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan,


Yoma kadhattan'llee deebii kadhannaa keessan ka hin arganneef, wonitti kadhattan gammachuu foonii irra oolichu'uuf, yaada hama'aan waan kadhattaniif.


Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban.


nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre.


Garuu mormmii gowwootaa, laakkofssa hidda dhalootaa, wolitti woca, woldhabiinssa waayee Seeraatiin ka'u irraa fagaadhu, wonittoonni kunniin ka faayiddaa hin qabnnee fi bu'aa dhabeeyyi'i.


Fedhii fooniitiin ni dedeebina yeroo turretti seeraan ka kaka'u hawwiin hamaan du'aaf firii akka daraarru, kutaawwan qaama keennaa keessatti ni hojjata ture.


Hamaa yaaduu, nama ajjeesuu, sagaagaluu, gocha sagaagalaa raawwachuu, hatuu, dharaan ragaa bayuu, maqaa namaa balleessuu, kun marrinuu onnee namaa keessa ni baya.


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite