Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 3:8 - Waadaa Haarawa

8 Garuu arraba leenjisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, summiin ajjeesu ka itti guutee fi boqannaa ka hin qabnne waan hamttu'u.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

8 Haata'uu ammoo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeessuun guutamee fi hamaa gara hin qabne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Haa ta'uu ammo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeesuun guutamee fi hamaa gara hin qabne.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 3:8
13 Referans Kwoze  

Nama ka miidhu dubbii badaa dubbachu'uuf, afaan isaanii akka awwaalaa titti ka baname, haasofnni afaan isaanii'llee akka summii bofaa titti, ka miidhu,


Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Bineensonni arddi'iitii fi sinbirroonni, lafa irra ka harkifatanii fi garba ciisaa keessa ka sosocho'an uumaan marrinuu, namaan leenjifamu'uuf ni danda'an, akkuma kana leenjifamaanii jiran.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite