Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 3:6 - Waadaa Haarawa

6 Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 3:6
62 Referans Kwoze  

Nama ka batteessu waan namaa keessaa bayu malee, wonitti gara alaatii gara namaa aseenuu hin batteessu.


Qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, ‹yaa abbaa Abrahaam! Yabo'oo garaa naa laafi! Arraba ibiddaa kana keessatti akka cimaa sarddama'aa jiraatii, qaccee quba isaa bishaaniin cuuphee, arraba kiyya akka naa qabbaneesuuf, Alaazaariin naa ergi!› »


Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.


Isin ka ittiin waamittan maqaa ulfinnaa san ka arrabissan, isaanii mitii ree?


Isa irratti dharaan ragaa ka bayan namoota tokko tokko'llee ni fidan, ragoonni dharaa'llee akkana ni jedhan, «Naminni kun Mana Waaqeffanna'aa kanaa fi seera irratti'llee, dubbii arrabaa dubbachuu irraa ufi hin dhooggu.


Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene?


Fariisoonni garuu kana yeroo dhagayanitti, «Inni ‹Bi'el Zebul› ka jedhamee, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin yoo ta'e malee, jinnii hin baasu» jedhan.


Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.»


garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan,


Namoota kanniin cadhisiisuun ni barbaachisa, isaan bu'aa saalfachiisu argachu'uuf waan hin malle barsiisa'aa, maatiiwwan maraa ni raasan.


Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.


Bineensonni arddi'iitii fi sinbirroonni, lafa irra ka harkifatanii fi garba ciisaa keessa ka sosocho'an uumaan marrinuu, namaan leenjifamu'uuf ni danda'an, akkuma kana leenjifamaanii jiran.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite