Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 3:15 - Waadaa Haarawa

15 Ogummaan akkanaa kun ka argamu arddii, foonii fi sheexana irraayyi malee, Waaqa biraayyii miti.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

15 Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 3:15
30 Referans Kwoze  

Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi.


Ogummaan biyya lafa tanaa Waaqa duranatti gowwumma'a, kun'llee, «Waaqinni ogeessota daba isaaniitiin isaan ni qaba» jedhamee, akkuma barreeffame.


Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i.


Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata.


Wonitti ittiin dhaadanu kana, kun'llee dhugaa ta'uu isaa sammuun keenna nuuf ragaa ni baya, namoota kaanniinii fi keesumaanuu isin woliin wolitti dhufeenni ni qabnna ture, qulqullaayoma Waaqa biraa arigannee fi qajeelumaan ka hunddaaye, kun'llee ka ta'e kennaa Waaqaa ka bilisaatiin malee, ogummaa namaatiin hin turre.


Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.


Hafuurri Qulqulluun garuu ifatti akkana ni jedha, «Bara maai'ii titti namoonni tokko tokko hafuurota dogoggorssa'aa fi barsiisa jinni'ii horddofu'uun, amantii isaanii ni waakkatan.»


Isaan'llee nama ka addaan fooyan, hawwii foonii ka horddofan, Hafuura Qulqulluu namoota hin qabnne.


Isin amma'llee namoota fooniit, ufii keessan waan wolitti hinaafttanii fi waan wol mormmitaniif, namoota foonii ta'uu keessanii mitii ree? Ka hojjattan'llee akka nama akkanumaan jiruu tittii mitii ree?


Waaqinni Ilma isaa gara biyya lafaa ka ergeen, biyyi lafaa Ilma isaatiin akka fayyuuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Nugusa'llee ni qaban turan, inni'llee maleyikkichaa boolla gad fago'oo, maqaan isaa'llee afaan worra Ibirootaatiin, «Abaadoon», Giriki'iin ammoo, Apholiyon jedhama.


«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,


Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun,


Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.


Waaqinni ogeessota saalfachiisu'uuf biyya lafaa titti akka gowootaa titti namoota laakkayaman ni filate, jajaboota'llee saalfachiisu'uuf jecha biyya lafaa keessatti worra akka dadhabddootaa titti laakkayaman filate.


«Nu'u ogeessota» uduu jedhan gowwoota ni ta'an.


«Ati ilma sheexanaa, diina dhugaa maraa! Sossobu'uu fi hammeenni marri ka sitti guute, karaa qajeelaa Goofta'aa dabssuu hin dhiifttuu moo!


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


«Gooftaan isaa'llee namicha sooru amantii dhidhise qarummaa isaatiin ni maalalffateen, kun'llee namoota Waaqaa irra namoonni biyya lafaa jireenna isaanii ka biyya lafaatiin, qaruuteewwan ta'uu isaanii ni muldhisa.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite