Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:22 - Waadaa Haarawa

22 Dubbii isaa hujii irra worra oolichu ta'aa malee mataa keessan soba'aa, dhageefattoota qofa hin ta'inaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

22 Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee, worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:22
31 Referans Kwoze  

Waaqa duranatti ka qulqullaayan seericha dhagayanii hujii irra worra oolichan malee, seericha dhagayanii hujii irra worra hin oolichinee miti.


Waan kana uduu beekittanii fi hujii irra uduu oolichitaniinii, isin ka eebbifamttan.


Eegaa waan mishaa raawwachuu uduu beeku naminni hin raawwanne, raawwachuu dabuun isaa isatti cubbuu ni ta'a.


Ajajoota Waaqaa ka raawwannu yoo taane, isaa ka beekinnu ta'uu keenna kanaanuu ni mirkaneessina.


Yesus garuu, «Isaan ka eebbifaman ammoo dubbii Waaqaa dhagayanii, hujii irra worra oolichan» isi'iin jedhe.


Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe.


Karaa Yesusiitiin Waaqa Abbaa galateeffata'aa jechaan ta'ee huji'iin waan raawwattan maraa maqaa Gooftaa Yesusiitiin raawwadhaa, isaan'llee Waaqa Abbaa galateeffadhaa.


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Yaa ijoolle! Eennu'llee isin akka hin sobinne, Kristos qulqullaawomaa akkuma ta'e, ka qulqullummaa raawwatu marrinuu Qulqullu'u.


Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.


Mataa keessan hin sobinaa, naminni ka haamatu waanuma facaase waan ta'eef, Waaqa irratti hin balddinaa,


Yaa waahela kiyya! Mishaa fakkaadhu malee hamaa san hin fakkaatin. Hujii mishaa ka hojjatu marrinuu ka Waaqaati. Hujii hamaa ka hojjatu garuu Waaqa hin argine.


Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba.


Hamaaleyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle ni beekitanii mitii ree? Waan kanaan hin sobaminaa, yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, yookiin sagaagalttoonni, yookiin worri dhiiraan woliin sagaagalummaa raawwatan,


Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe.


Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.


Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.


Hin sobaminaa, «Waahelli hamaan amala mishaa ni balleessa.»


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Balleessaa waan raawwataniif gatii isaanii ni fudhatan, gammachuun isaanii'llee aduu saafayaatiin machaayu'uu fi haga malee fandalalu'u, fandalaluu isaanii ka haga dhabe kanaan isin woliin yeroo afeeramanitti, sobaa ka ta'e gocha isaanii ka fooniitiin, isaan heeybayoota fi qaanesstoota.


nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre.


Eennu'llee mataa isaa hin sobinni, sadarkkaa ogummaa biyya lafaa kanaatiin ogeessa fakkaatee ka mulidhatu yoo jiraate, ogummaa Waaqaa ka dhuga'aa akka argatu mataa isaa akka gowwa'aa titti haa laakkayu.


Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman,


Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite