Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:21 - Waadaa Haarawa

21 Kanaaf battumma'aa fi baayi'inna hammeennaa maraa dhabamisiifttanii, Waaqinni onnee teessan keessatti ka dhaabee fi dubbii lubbuu teessan fayyisu'uuf danda'u mataa gad qabataan fudhadhaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

21 Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baay'ee uf keessaa balleessa'aatii dubbii Rabbii ka keessa keessanitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:21
37 Referans Kwoze  

Kanaaf sossobee gara cubbu'uu hawwii eemaruun ka badee fi durssitanii ka ittiin ni jiraattan turttan, eennummaa moofaa amala uumama duraanii dhabamisiisaa.


Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.


Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha.


Jireenna ka kennu Hafuura Waaqaati, huminni namaa garuu womaafuu hin fayyadu, dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura, jireennaati'lle'e,


Eegaa hammeenna mara, sobuu mara, fakkeessitummaa, hinaaffaa, hama bifa kamiituu dhabamissiisaa.


Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu.


Gara Waaqaa dhiyaadhaa, inni'llee gara keessan ni dhiyaata, isin yaa cubbamoota! harka keessan qulqulleessaa, isinii hoola! onnee teessan qulqulleessaa.


Waaqinni nama ka ittiin fayyisu kennaa isaa ka bilisaa nama maraafuu ibisee jira,


Ani dubbii Wongeelaa titti hin saalfadhu, dubbiin wongeelaa jalqaba Yihudota, itti aansee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, akkuma kana namoota amanan maraa fayyisu'uuf ka danda'u, huminna Waaqaati.


Dubbima oduu mishaa akka isaan dhagayanii nu dhageenneenii jira, garuu isaan dubbii dhagayan amanti'iin waan hin fudhatiniif isaan hin fayyadinne.


Eegaa nu'u fayyinna ol aanaa kana shilla ka jennu yoo taane attamitti jalaa baana ree? Fayyinna kana'llee jalqaba ka dubbate Gooftaa mataa isaati, isa irraa namoonni dhagayan'llee, kanuma nuuf mirkaneessanii jiran.


Ka isin barsiise dubbii wongeela jabeesitanii yoo qabattan isaan ni fayyitan, yoo kana ta'uu dhabaate garuu, ka amanttan tasaan.


Isin durssitanii garboota cubbu'uu ni turttan, amma garuu barnnoota fudhattaniif onne'een ajajamuu keessaniin, Waaqaaf galanni haa ta'u.


Yeroo kanatti Simoon Phexiros akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Gara eennuu deemnnaa? Ati dubbii jireenna bara baraa ni qabdda.


Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati.


Eegaa yaa obboleeyyan, abddiin kun marrinuu ka kenname nu'uf waan ta'eef, Hafuura waan batteessu waanuma kamiin irraayyuu, mataa keenna haa qulqulleessinuu, Waaqa'llee sodaachu'uun qulqullaayomnni muda maleessa akka ta'u haa taasfnnu.


«Isin fiixaa Abrahaamii irraa ka dhalattan obboleeyyan keennaa fi isini'llee Waaqa ka sodaattan ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne! Dubbiin fayyinnaa kun ka ergame nu'uuf.


Amantii keessaniin'llee ka eegiddaniin fayyinna lubbuu keessan ni ariggattan.


Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,


kanaaf bakkumatti ergamoota gara kee ni erge, ati'llee dhufuu keetiin mishaa taasfttee jirta, eegaa Waaqinni akka dubbatuuf waan si ajaje maraa, dhagayuuf nu marri keennaa, Waaqa duranatti asitti wolitti qabamnnee jirra» jedheen.


Gara laafeyyiin arddii waan dhaalaniif, isaa ka eebbifaman.


Wongeela keenna ka isinitti himnne jecha qofaan uduu hin ta'in huminnaa fi Hafuura Qulqullu'uun, waayee wangeelaatiif'llee dhugaaleyyii ta'uun, isin woliin yeroo turretti'llee, isiniif jecha attamitti akka jiraanne ni beekittan.


Kana irra Waaqaaf galata dhiyeessaa malee, waan nama mufachiisuu fi haasaya gowwumma'a, yookiin waan baliddaa dubbachuun isin irra hin jiru, wonitti akkanaa kun isiniif mijaaya'aa miti.


Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu.


cubbamaa karaa ittiin dogoggore irraa ka deebi'u, lubbuu cubbama'aa'llee du'aa irraa ka fayyisuu fi baayi'ee cubbuu isaatiif'llee dhiifama argamisiisuuf.


Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite