Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:19 - Waadaa Haarawa

19 Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

19 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:19
54 Referans Kwoze  

Baanadhaa, baanii keessaniin garuu cubbuu hin hojjatinaa, baaniin keessan'llee uduu hin dhabamin aduun isinitti hin dhiyin.


Amma garuu dallansuu, aarii, dabaa fi maqaa balleessaa ufi irraa dhabamisiisaa, haasofnni nama saalfachiisu'llee afaan keessan hin bayin.


Hadhaayummaa, aarii, dallanissuu, jeeqama, arrabaa fi hameenni bifa kamii marrinuu, isin irraa garasi haa fagaatu.


Kutaawwan qaama tokkoo taatanii dhugamaanuu ka waamamittan nagaya kanaaf waan ta'eef, nageenni Kristosii onnee keessantti haa moo'u, ka galateeffattan'llee ta'aa.


Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.»


Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.


Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati.


Yihudonni Beeriyaa jiran worra Tasaloonqee jiran irra, ilalcha qajeelaa ka qaban waan turaniif, dubbii gammachuu ol aanaan ni fudhatan, dhugummaa dubbii'llee mirkaneessuuf, guyyama guyyaan kitaabban Qulqulluu'llee ni qoratan ture.


Garuu namoonni marrinuu waan Yesus dubbatu dhagayu'uuf barbaadu'uun, onneen isaan booji'amee waan turaniif, namoonni isa ajjeesu'uuf barbaadanii, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeenne.


Manni ka hin geenne ta'ee alli'llee haga dhiphatutti, namoonni baayi'een wol ni gayan, dubbii Waaqaa'llee isaan ni barsiisa ture.


kanaaf bakkumatti ergamoota gara kee ni erge, ati'llee dhufuu keetiin mishaa taasfttee jirta, eegaa Waaqinni akka dubbatuuf waan si ajaje maraa, dhagayuuf nu marri keennaa, Waaqa duranatti asitti wolitti qabamnnee jirra» jedheen.


Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.


Qaraachota fi cubbamoonni marrinuu barsiisa isaa dhagayu'uuf wol ni gayanii, gara Yesusii dhufanii jiran turan.


Isiniif ka barreessu dhugaa waan hin beekinneefii miti, isin ammoo dhugaa ni beekittan, dhugaa keessa'llee sobinni akka hin argaminne, ni beekittan.


Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee kana yeroo dhagayanitti ni gammadan, dubbii Goofta'aa'llee ni kabajan, jireenna bara baraatiif worri filataman marri'llee ni amanan.


Daawit mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee eega waameen eegaa, Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'a?» Ummanni baayi'een'llee gammachu'uun ni dhageeffataniin ture.


Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,


Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa.


Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa!


Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa.


Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree?


Afaanuma tokkoo eebbaa fi abaarssi ni bayan, yaa obboleeyan! Kun ta'uun hin malu.


Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti.


Yaa obboleeyyan! waan maraa olitti sami'iin yookiin arddi'iin yookiin waan bira'aa womaanuu hin kakanna, haasofnni keessan eetii yoo ta'e dhugamaanuu eetii haa ta'u, mitii yoo ta'e'llee dhugamaan mitii haa ta'u, akkana ta'uu yoo dhabaate garuu isinitti ni muritteeffama.


Yaa obboleeyyan! Isin keessaa tokkochi karaa dhuga'aatii yoo bayee fi ka bira'aa karaa dhuga'aa titti yoo isa deebiseen,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite