Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:17 - Waadaa Haarawa

17 Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

17 Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad bu'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:17
62 Referans Kwoze  

Yohaannis'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kami'llee Waaqinni isaa kenne malee womaayyuu qabaachu'uuf hin dandda'u,


Eegaa isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan, ijoollee teessaniif waan mishaa kennuu eega beekittan, eegasuu, ka samii jiru Abbaan keessan ammoo worra isa kadhataniif, attam caalichisee waan mishaa isaaniif hin kennine!»


Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu.


Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate.


Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu.


Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Isin ka fayyitan karaa amanti'iitii fi kennaa isaa ka bilisaatiin, kun'llee kennaa Waaqaati malee hujii keessaniin ka argamee miti.


Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef.


Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda?


Jaalala jechuun akkana, nu'u waan Waaqa jaalanneef uduu hin ta'in, inni waan nu jaalatee fi cubbuun keenna'llee akka nuuf dhabamisiifamuuf, Ilma isaa waan nuuf ergeef.


Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.


Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture.


ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.


«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.


ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman.


Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.


Cubbuu irraa gatiin argamu du'a, kennaan Waaqa irraa kennamu garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ka argamu, jireenna bara baraati.


Ogummaan akkanaa kun ka argamu arddii, foonii fi sheexana irraayyi malee, Waaqa biraayyii miti.


Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.


Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti waan deebisan dhabanii ni caldhisan, «Eegaa Waaqinni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, jireenna haarawaan ka isaan gayu dhiifama isaaniif kennee jira» jechu'uun Waaqa ni galateeffatan.


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif gara Waaqaa titti deebi'uu fi dhiifama cubbu'uu akka kennuuf, Yesusiin durssa'aa fi Fayyisaa taasisee, mirga isaatiin ulfinnaan akka taa'u isa taasisee jira,


Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.


Inni qoftti ka hin duune, eennu'llee itti dhiyaachuu ka hin danddeenne ifa keessa ni jiraata, isa gonkumaa eennu'llee hin argineen, eennu'llee isa argu'uuniif hin danda'u, ulfinnaa fi huminni bara baraa isaaf haa ta'u! Ameen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite