Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:3 - Waadaa Haarawa

3 Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:3
21 Referans Kwoze  

Eegaa yaa obboleeyyan, abddiin kun marrinuu ka kenname nu'uf waan ta'eef, Hafuura waan batteessu waanuma kamiin irraayyuu, mataa keenna haa qulqulleessinuu, Waaqa'llee sodaachu'uun qulqullaayomnni muda maleessa akka ta'u haa taasfnnu.


Waaqaan ni jiraadha naminni jedhu, Kristos akka jiraattetti jiraachuu qaba.


Kanaaf yaa waaheloota! Kun marrinuu guyyaa itti ta'u eeggachuu irra yoo jiraattan, Gooftaa heeyibii malee yookiin ashaa malee taatanii nagayaan akka isin argatuuf, dammaqinnaan jiraadhaa,


Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.


Qulqullaawoma malee eennu'llee Gooftaa argu'uuf waan hin dandeenneef nama mara woliinuu nagayaan jiraadhaa, Qulullumma'aan'llee jiraachu'uuf hisadhaa,


Akkana ka jiru Qulqulluu ashaan itti hin jirre, qulqulluu cubbamoota irraa ka fooyame, samii irra ka ol jedhe, itti gaafatamaan qeesotaa nu barbaachisa.


Wongeelli dubbii dhuga'aa ta'e jalqaba gara keessan yeroo gayetti abddii isa keessa jiru dhageettanii jirttan, kanaaf amantii keessan fi jaalalli keessan ka hunddaaye sami'itti qophaayee ka isiniif turu, abddii kana irratti.


Onnee isaanii amanti'iin waan qulqulleesseef nu'uu fi isaan jiddu'utti, garaagarummaa woyiituu hin taasfnne.


Kana'llee ka taasise kennaa isaa ka bilisaatiin qulqullaawomnnee abddi'iin ka eeggannu, jireenna bara baraa akka dhaalluuf.


Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan.


«Abbaan keessan ka sami'ii dhiifama taasisaa akkuma ta'e, isin'llee akkuma kana dhiifama taasfttoota ta'aa.»


Biyya lafaa kana keessa nu'u ka jiraannu, akkuma Kristos jiraatu akkuma ta'uu isaa titti, jaalalli keenna muda maleessa yoo ta'e guyyaa murti'ii titti sodaa malee isa duranatti dhiyaachu'uuf, ufitti amanamummaa guutuu ni qabaanna.


Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.


Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,


Akkuma kana'llee Isaayaas, «Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa, durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a, isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha.


Isaan dhugamaanuu Qulqullaayomota akka ta'aniif, ani'llee mataa kiyya waayee isaaniitiif, ufi Qulqulluu ni taasisa.»


Gara Waaqaa dhiyaadhaa, inni'llee gara keessan ni dhiyaata, isin yaa cubbamoota! harka keessan qulqulleessaa, isinii hoola! onnee teessan qulqulleessaa.


Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,


Garuu Waaqinni isin waame Qulqulluu akkuma ta'e, isin'llee jireenna keessan maraan qulqulluuwwan ta'aa,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite